Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa jirtutti kakadhee, waan dhugaa ta'e malee irraa hin bahu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullaah bin Amrii irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu akkana jedhe: Waan Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa dhagahu kanin isa sammutti qabachuu barbaade hunda barreessaa ture yoon ta'u, Qureeyshiin na dhoorgitee, akkas naan jedhan: Waan Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa dhageessu hunda barreessitaa, bar Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ilma namaati, haala aarii qabuu fi gammachuu qabu keessatti ni dubbata? isaan akkana naan jennaanin barreessuu irraa of qusadhee, sana Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hime, isaanis quba isaanitin gara afaan isaanitti akeekanii, akkana naan jedhan: "Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa jirtutti kakadhee, waan dhugaa ta'e malee irraa hin bahu".
Explanation
Waan isaan jedhan Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-hime, isaanis quba isaanitiin afaan isaanitti akeekanii akkana jedhan: Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhe, haaluma hundaa fi jaalalaa fi aarii keessatti haqa malee irraa hin bahu.
Rabbiin ol ta'e waa'ee Nabiyyii Isaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo dubbatu akkana jedha: {Inni fedha lubbuu irraa hin dubbatu * inni (wanni inni dubbatu) wahyii buufamu qofa} [Annajm: 3-4].
Benefits
Sahaabaan Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, sunnaa qomatti qabachuu fi dabarsuu keessatti fedhii guddaa akka qabaniidha.
Osoo kakachiisuun malettillee ta'ee waa tolchuu fi waa jabeessuuf jecha kakachuun akka danda'amuudha.
Beekumsa barreeffamaan qabachuun irra barbaachisaa sababoota beekumsa tiksanii akka ta'eedha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

