HadeethEnc · 1.25.0
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga {Bismillaahi al-rrahmani al-rrahiim} jechuun isaan irratti buufamutti qooddaa suuraa hin beekan turani
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga {Bismillaahi al-rrahmani al-rrahiim} jechuun isaan irratti buufamutti qooddaa suuraa hin beekan turani.
02
Explanation
ibnu abbaas -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- suuraawwan qur'aanaa akkasumaan nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka bu'aa turtee fi akkasuma qooddaa isiitii fi xumura isii illee akka isaan hin beekne ibse, akkasumas booda "bismilaahi al-rrahmaan al-rrahiim" jechuun isaan irratti buufamtee jennaan suuraan darbite xumuramuu isii fi bismillaan immoo suuraa haarawaaf jalqabbii ta'uu isii isiidhaan akka adda baafatan ibse.
03
Benefits
basmalaan suuraa anfaalii fi suuraa tawbaan ala suuraawwan jiran gidduu ittiin adda baafama.
Attribution
[abuu daawud odeesse]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

