Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Mu'aaz irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Booda Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- Harree ufayr isaan jedhamu irratti duubaan yaabbadhee osoon jiruu, akkana naan jedhani: "Yaa Mu'aaz! haqa Rabbii kan gabroota Isaa irra jiruu fi haqa gabrootaa kan Rabbirra jiru ni beektaa?", Rabbii fi ergamaa Isaatu beekan jedhe, Ergamaanis ni jedhani: "Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha", nan jedhe: yaa Ergamaa Rabbii namootaa ittiin gammachiisuu? Ergamaanis ni jedhani: "isaan hin gammachiisin, ni hirkataniitii (kanuma irratti hirkatanii hojii biraa dhiisu waan ta'eef jecha)".
Explanation
Benefits
Haqa gabroottan Rabbii ol ta'e irraa qaban ibsuudha, haqichi isa Rabbiin tola Isa irraa ta'ee fi qananii Isaatiin lubbuu Isaa irratti dirqama taasiseedha, innis jannata isaan seensisuu fi isaan azzabuu dhabuudha.
Worra Rabbiin tokkichoomsan kan Rabbiitti homaa hin qindeessineef gammachuu guddaatu isa keessa jira, itti galli isaani jannata seenuu ta'uudhaan.
Badii beekumsa dhoksuun qabu keessa bu'uu sodaaf jecha mu'aaz hadiisa kana du'a isaatiin duratti odeesseera.
Namoota garii biratti hadiisa garii facaasuu irraa eeggachuutti dammaqsuudha, sodaa namoota hiika isaa hubachuu hin dandeenyeetiif jecha; sun waan hojiin isa irratti hin hundoofne keessattii fi waan adabbiin shari'aa isa keessa hin jirre keessatti.
Balleessitoonni worra tawhiidaa fedha Rabbii jala jiru, yoo fedhe isaan azzaba yoo fedhe immoo isaaniif dhiisa, eegasii deebiiin isaanii jannata ta'a.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

