HadeethEnc · 1.25.0
Ergamaan Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- nama murtee keessatti gubboo fudhatuu fi nama gubboo kennus ni abaaran
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- nama murtee keessatti gubboo fudhatuu fi nama gubboo kennus ni abaaran.
02
Explanation
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- warra gubboo kennuu fi fudhatus rahmata Rabbii ol ta'ee irraa akka ari’amanii fageeffaman itti kadhatan.
Sana irraa abbootiin murtii murtii kennan keessatti loogii akka godhaniif waan kaffalamuudha; sababni isaas namichi kennu sun haqaan maletti waan barbaade galmaan gahuu akka danda'uuf jecha.
Sana irraa abbootiin murtii murtii kennan keessatti loogii akka godhaniif waan kaffalamuudha; sababni isaas namichi kennu sun haqaan maletti waan barbaade galmaan gahuu akka danda'uuf jecha.
03
Benefits
Gubboo kennuun, fudhachuun, gidduu seenuu fi irratti gargaaruun akka haraama ta'eedha; sababni isaas cubbuu irratti wal gargaaruun waan isa keessa jiruuf jecha.
Malaammaltummaan diliiwwan gurguddoo akka ta'eedha; sababni isaas Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- nama gubboo fudhatuu fi kennus waan abaaraniif jecha.
Dirree haqaa fi murtii irratti malaammaltummaan yakka guddaa fi cubbuu cimaadha; Sababni isaas miidhaa fi waan Rabbiin buuseen alatti murteessuun waan isa keessa jiruuf jecha.

Attribution
[tirmiziifii ahmad odeessan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares