HadeethEnc · 1.25.0
Namni nama muslimoota waliin walii galteen jiru ajjeese urgooftuu Jannataa hin argu urgooftuun ishees fagoo waggaa afurtamaa irraa argama
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abdullaah ilma Amrii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan: "Namni nama muslimoota waliin walii galteen jiru ajjeese urgooftuu Jannataa hin argu urgooftuun ishees fagoo waggaa afurtamaa irraa argama".
02
Explanation
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa haa jiraatu- nama nama walii galtee muslimtoota waliin qabu ajjeesse -innis kaafiroota irraa walii galtee nageenyatiin nama gara biyya islaamaa dhufe- urgooftuu jannataa arguu dhabuun doorsisni cimaan akka isa irra jiru ibsan, urgaan jannataa fageenya imala waggaa afurtamaa irraa akka dhahuus dubbataniiru.
03
Benefits
Kaafiroota irraa mu'aahad, zimmiyyii fi musta'aman ajjeesuun haraama yoo ta'u, innis diliiwwan gurguddoo irraa akka ta'eedha.
Mu'aahad jechuun: Nama kaafiroota irraa walii galteen irraa fuudhamee biyya isaa keessa jiraatu, kan Muslimootan hin lolle, isaanis isaan kan hin lolleedha. Zimmiyyii jechuun: Jechuun nama biyya muslimoota keessa qubatee gibira kaffalaa jiraatuu dha. Musta'aman jechuun: nama yeroo murtaa’eef walii galtee nageenyatiin biyya muslimootaa seeneedha.
Namoota Muslima hin taane waliin walii galtee diiguu/ganuu irraa akeekkachiisuudha.

Attribution
[Bukhaariitu gabaase]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares