Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Waaqid Al-Laysii irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- gara Hunaynitti yeroo bahan muka mushrikootaa tan meeshaa waraanaa itti fannifatan tan zaatu anwaax(bakka waa itti fannifatan) jedhamtu tokko bira darban, akkas jedhaniin (sahaabonni): Yaa ergamaa Rabbii akkuma isaan zaat anwaaxin qaban, nuufis zaat anwaax godhi, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan: Rabbiin qulqullaaye! Kuni akkuma ummatni Muusaa isaan jedhani:(Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi} [Al-A'araaf: 138] Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu".
Explanation
Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubbii kana balaaleffachuu fi Rabbiif ulfina Isaan malu kennuuf jecha "Subhaanallaah" jedhan, dubbiin kunis waan ummanni Muusaa isaan jedhan akka fakkaatu himaniiru: {Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi}, Ummanni Muusaa nama taabota gabbaru yeroo argan akkuma mushrikoonni taabota qaban taabonni akka isaanifiis ta'u gaafatan, kun garuu karaa isaanii hordofuudha. Sana booda Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ummanni kun karaa Yahuudotaa fi Kiristaanotaa akka hordofanii waan isaan hojjetan hojjetan sana irraa akeekkachiisuf jecha himaniiru.
Benefits
Muslimni tokko wanta amantii isaa keessatti dubbatamuu hin qabne wahii yeroo dhaga’uu fi yeroo waan tokko dinqisiifatu “Allaahu Akbar” fi “Subhaanallaah” jechuudha qaba.
Muka, dhagaa fi kkf irraa barakaa barbaaduun shirkiidha, barakaan Rabbi qofa irraa barbaadama.
Sababni taabota gabbaruu isa guddisuu, isa bira taa'uu aadeffachuu fi isaan barakaa barbaaduudha.
Balbalaa fi daandii gara shirkitti nama geessu cufuun dirqama ta'uudha.
Wanni Qur'aana fi Hadiisa irraa yahuudotaa fi kiristaanota arrabsuu keessatti dhufe nuuf akeekkachiisa kennuudha.
Waan amantii keenya irraa ta'uu isaatti ragaan jiru malee warra bara awaamummaa, yahuudotaa fi Kiristaanotatti fakkaachuu irraa dhoorguudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

