HadeethEnc · 1.25.0
Rabbiin ummata kootiif waan lubbuun isaanii isaanitti haasofte dhiiseefii jira, hanga isa hin hojjatinitti yookaan hanga isa hin dubbatinitti
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Hurayraa iraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin ummata kootiif waan lubbuun isaanii isaanitti haasofte dhiiseefii jira, hanga isa hin hojjatinitti yookaan hanga isa hin dubbatinitti».
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni haasawa hammeenyaa kan lubbuun isaa haasoftuuf akka itti hin gaafatamne himani, yoo isa hojjate yookaan isa dubbate malee, Rabbiin ilma namaa irraa rakkina waan kaasee fi dhiifama waan godheef, Rabbiin waan qalbiin isa irratti osoo hin ragga'inii fi isa biratti hin qubatin sammuu keessatti argamee lubbuu keessa asiif achi dedddeemeen ummata muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin qabu; qalbii isaa keessatt wanti akka quufaa yookaan boonaa yookaan nifaaqaa qalbii isaa keessatti yoo ragga'e yookaan qaama isaatiin hojjate yookaan arraba isaatiin jedhe wantoota kana itti gaafatama.
03
Benefits
Rabbiin ol ta'e yaadowwanii fi waan sammuu ilma namaa keessa deddeebi'an kan lubbuu isaa irra dhudhufanii jennaan lubbuu isaatti dubbatee qalbii isaa irra dabaran irra darbee dhiisee jira.
ilmi namaa xalaaqii(hiikkaa) yaadee, qalbii isaa irra dhufee, garuu immoo yoo isa baafatee hin dubbannee fi hin barreessine, xalaaqii irraa hin lakkaa'amu.
haasofni lubbuu yoo akkam jabaa ta'ellee hanga qalbii isaa irratti hin ragga'inittii fi itti hin hojjatinitti yookaan isa hin dubbatinitti ilmi namaa itti hin gaafatamu.
sadarkaan ummata Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guddaa ta'uu isaa, waan haasawa lubbuutiin qabamuu dhiisuun kan isaanii qofa ta'eef jecha, faalla uummattoota nu dura dabraniitiin.

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares