Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Umar bin Abii Salamaa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ani mucaa guddisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala ture, harki koo sahanaa nyaataa irra naanna'aa waan tureef, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas naan jedhan: "Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu" sana booda akkaataa saniin nyaachuu dhiisee hin beeku.
Explanation
Tokkoofaan ishee: Yeroo nyaata jalabuuf jedhu "Bismillaah" jechuudha.
Lammaffaan ishee: Harka mirgaatin nyaachuudha.
Sadaffaan ishee: Nyaata irraa moggaa isatti aanu irraa nyaachuudha.
Benefits
Naamusa ijoollee barsiisuudha, keessattuu warra itti gaafatamummaa namaa jala jiran.
Gara laafina Nabiyyiit, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, akkasumas obsa isaan ijoollee barsiisuu fi naamusa isaan qabsiisuu irratti qabaniidha.
Naamusa nyaataa keessaa tokko moggaa namatti dhihaatu irraa nyaachuudha, yoo nyaanni sun gosa hedduu ta’e malee, haala kana keessatti hiixatee irraa fudhachuu ni danda’a.
Sahaabaan adaba Nabiyyiin, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, isaan qabsiisan ciccanii kan qabatan ta'uudha, kunis jecha Umar: sana booda akkaataa saniin nyaachuu dhiisee hin beeku kan jedhu irraa fudhatame.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

