HadeethEnc · 1.25.0
Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Muusaa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: "Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu".
02
Explanation
Rasuulli -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaa’elli dubartii takkaa waliyyiin/eegduun malee sirrii akka hin taane ibsan.
03
Benefits
Waliyyiin/Eegduun gaa’elli sun seera qabeessa akka ta’uuf haal-duree yoo ta’u, dubartiin takka waliyyiin malee yoo heerumte, yookiin of yoo heerumsiifte seera qabeessa miti jechuu dha.
Waliyyiin/Eegduun dhiira ta'ee, dubartii sanatti dhihoo waan ta’eef, waliyyiin/eegduun fagoo eddoo namni itti dhihoo jirutti ishee heerumsiisuu hin danda’u.
Ulaagaaleen waliyyii: itti gaafatamummaa baachuu danda'uu, dhiira ta'uu, dantaa gaa’elaa beekuu irratti bilchina qabaachuu fi amantiin waliyyii fi dubartii sanaa wal fakkachuu, Namni amaloota kana hin qabne waliigaltee gaa’elaa keessatti akka waliyyiitti ulaagaa hin guutu.

Attribution
[abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares