Amantiin islaamaa laafaadha, namni tokko humnaa ol isa jabeessee isa injifatu malee hin hafu, giddu galeessa ta'aa, itti dhiheessaa
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffamettii-Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: «Amantiin islaamaa laafaadha, namni tokko humnaa ol isa jabeessee isa injifatu malee hin hafu, giddu galeessa ta'aa, itti dhiheessaa, abshiraa haamilee horadhaa, ibaadaa barii, ibaadaa galgalaa fi hanga ta'e ibaadaa dhuma halkaniitiin of gargaarsifadhaa».
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama haala guutuu ta'een hojjachuu dadhabe yoo xiqqaatellee hojiin itti fufiinsa qabu mindaa gudda akka qabu gammachiisani; dadhabbiin harka isaatiin kan ofitti hin fidne yoo ta'e mindaan isaa hir'achuu hin dirqamsiisu.
dhugumatti biyyi duuniyaa ganda imalaa fi ce'umsa gara Aakhiraatti waan ta'eef, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo sadi kan si'a namaaf kennu keessatti ibaadaa itti fufiinsaan hojjachuun of gargaarsifachuutti ajajani:
Inni jalqabaa: bariidha: jalqaba guyyaa deemuuni; yeroo salaata fajrii fi aduun ba'uu gidduu jirutti.
lammaffaan: galgala: booda aduun dabdee deemuuni.
sadaffaan: halkani: halkan guutuu yookaan garii isaa deemuuni, hojiin halkanii hojii guyyaa irra ulfaataa waan ta'eef "Halkan irraa hanga ta'e" jechuun, garii isaa hojjachuutti ajajani.
Benefits
Gabrichi dhimma dhabuu yookaan jabeessuun alatti, waan itti ajajame hanga dandeettii isaatiin hojjachuutu isa irra jira.
Gabrichi yeroo itti ibaadaa irratti si'a argatu filachuutu isa irra jiraata, yeroon sadeen kun addatti yeroo qaamni ibaadaadhaaf irra kennataa ta'udha.
Aalimni islaamaa guddaan ibnu hajar al-asqalaaniin akkas jedhe: Nabiyyiin akka waan nama waa yaadee imalu haasofsiisaniiti, yeroon kun sadeen yeroo bareedduu nama karaa imaluuti, kanaaf yeroo itti si'a godhatutti akeekan; namni karaa imalu halkanii fi guyyaa walitti yoo imale dadhabee karaatti hafa, yoo yeroo jedhame kana ilaallatee imala ta'e dadhabbiin maleetti imala isaa itti fufuun isaaf miijjata.
ibnu hajar itti fufuun akkas jedhe: Hadiisa kana keessa laaffisa shari'aan keesse fudhachuutti akeekuutu jira, bakka laafiinsaatti of dirqamsiisuun daangaa darbuu irraa lakkaawama, akka nama yeroo bishaaniin dhimma ba'uu dadhabetti tayammuma dhiisuuti, yeroo kanatti bishaan fayyadamuun miidhaa isa irraan ga'uutti geessa.
Aalimni islaamaa ibnu-almuniir akkas jedhe: Hadiisa kana keessa raajii nabiyyummaatu jira, nutii fi namoonni nu duraas hundi nama amantaa keessatti daangaa darbe dhugaan akka karaatti hafu arginee jirra, akkas jechuun ibaadaa keessatti haala irra guutuu ta'e barbaaduu irraa dhoorguu jechuu miti, akkas jechuun daangaa darbuu taati'ootti nama geessu irraa dhoorguudha, yookaan sunnaa isa dirqama dhiisuutti nama geessu keessatti daangaa darbuu dhoorguudha, yookaan immoo akka nama halkan guutuu sunnaa salaataa bulee salaata dirqamaa yeroo isaa keessaa baasee fajrii jamaan salaatuu irraa rafuuti, yookaan immoo hanga aduun baatee yeroon dirqamaa darbutti rafuuti.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

