HadeethEnc · 1.25.0
Du'aa'ii caalaa wanti Rabbii ol ta'e biratti irra kabajamu hin jiru
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-ni jedhani: "Du'aa'ii caalaa wanti Rabbii ol ta'e biratti irra kabajamu hin jiru".
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti ibaadaa keessaa Rabbiin biratti wanti du'aa'ii caaluu akka hin jirre ifa galchani; waan isa keessa durummaa Rabbbii ol ta'ee fi dadhabbii gabrichaa mirkaneessuun jiruuf jecha.
03
Benefits
Sadarkaa du'aa'iin qabuudha, dhugumatti namni Rabbiin kadhate Isa guddiseera, akkasumas akka Inni dureessa ta'e Isaaf mirkaneessaa jira, rakkataan hin kadhatamu, Inni dhagahaadha duudaan hin kadhatamu, Inni arjaadha donni hin kadhatamu, Inni mararfataadha gara jabeessi hin kadhatamu, Inni danda'aadha dadhabaan hin kadhatamu, Inni dhihoodha fagaataan hin dhagahu, wanni biroos kan sifaata guddinaa fi bareedinaa Rabbii ol ta'ee irraa ta'e akkasuma.
Attribution
[tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

