Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jechoota kanneenin kadhataa turan: «Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha».
Explanation
Tokkoffaa: (Yaa Rabbi! ani sitti maganfadha) kooluu barbaada, (sitti) si malee kan biraatin hin maganfadhu (liqaan moo’amuu) cunqursaa, yaaddoo fi dhiphina isaa irraa, akkasumas liqaa kana kaffaluuf akka na gargaartu si gaafadha.
Lammaffaa: (diinaan moo’amuu) cunqursaa fi ol’aantummaa agarsiisuu isaa irraa sitti magnfadha, akkasumas miidhaa isaa akka narraa qabdee, kan isa moo'adhu akka na taasistu si kadhadha.
Sadaffaa: (Diinni namatti gammaduu) balaa fi rakkoo Muslimtoota mudatutti gammaduu isaanii irraa sitti maganfadha.
Benefits
Liqaa fudhatuun rakkoo hin qabu, garuu rakkoon nama liqaa hin deebisne bira jira, isa kana liqaa nama moo'atu jechuun.
Namni tokko wantoota namni itti gammaduu fi qeeqamu irraa fagaachuu qaba.
Diinummaa kaafiroonni mu'umintootaf qabanii fi yeroo balaan isaan mudatu isaanitti gammaduu isaanii ibsuudha.
Diinonni balaa namatti dhufutti gammachuu mul'isuu isaanitu balaa nama mudatu irra namatti ulfaata.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

