Rabbiin biratti Irra jaallatamaan haasaadhaa afuri: Subhaanallaah (Allaahaan qulqullaa'e), Wal hamdu lillaah (faaruun kan Allaahaati), Wa laa ilaaha illallaah (haqaan gabbaramaan Allaaha malee hi jiru), Wallaahu akbar (Allaahaan waa hinda irra guddaadha), kamii isaanitiinuu eegaltu si hin miidhu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Samuraa ilma Jundub irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Rabbiin biratti Irra jaallatamaan haasaadhaa afuri: Subhaanallaah (Allaahaan qulqullaa'e), Wal hamdu lillaah (faaruun kan Allaahaati), Wa laa ilaaha illallaah (haqaan gabbaramaan Allaaha malee hi jiru), Wallaahu akbar (Allaahaan waa hinda irra guddaadha), kamii isaanitiinuu eegaltu si hin miidhu".
Explanation
Subhaanallaah: hirdhina hnda irraa Rabbii ol ta'e qulqulleessuu jechuudha.
Wal hamdu lillaah: Isa jaallachuu fi Isa guddisuu waliin guutummaa hirdhina hin qabneen Rabbiin ibsuudha.
Wa laa ilaaha illallaah jechuun: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuuudha.
Wallaahu akbara: Allaaha waan hunda irra ol fuudhamaa, guddaa fi injifataadha jechuudha.
Sadarkaan isiitii fi mindaan isii argamuuf yeroo isii jennutti tartiibatti isii jechuutti hin haajamu.
Benefits
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

