HadeethEnc · 1.25.0
Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mana koo kana keessati akkas jedhuun dhaga'e: "Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi".
02
Explanation
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hunda nama dhimmoota muslimootaa irraa dhimma tokko irratti muudamee xiqqaas ta'ee guddaa, muudamni kun muudama walii galaas ta'ee yookaan muudama hanga murtaa'e tokkos haa ta'uu, yoo isaanitti laaffisuu dhiisee rakkina, gadadoo fi dhiphina isaanitti galche, Rabbiin ol ta'e fakkaataa hojii isaatiin isa irratti dhiphisuun galata akka isaaf galchu irratti kadhatan.
Namni isaanif laphee baatee dhimmoota isaaniis laaffiseef Rabbiin isatti laaffisee dhimmoota isaas akka isaaf laaffisu kadhataniif.
Namni isaanif laphee baatee dhimmoota isaaniis laaffiseef Rabbiin isatti laaffisee dhimmoota isaas akka isaaf laaffisu kadhataniif.
03
Benefits
Namni dhimma muslimootaa irraa waan tokko irratti muudame hanga danda'een isaanitti laaffisuun isa irratti dirqama.
Mindaan fakkaataadhuma hojiitiidha.
Madaalliin laaffisuu irraa yookaan dhiphisuu irraa waan ilaalamuu inni Qur'aanaa fi Hadiisa waan hin faallessiniini.
Mindaan fakkaataadhuma hojiitiidha.
Madaalliin laaffisuu irraa yookaan dhiphisuu irraa waan ilaalamuu inni Qur'aanaa fi Hadiisa waan hin faallessiniini.
Attribution
[Muslimtu gabaase]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

