Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha", wanti ani jedhu obboleessa koo keessa yoo jiraate hoo? jedhame, Ergamaanis ni jedhan: "wanti ati jettu isa keessa jira yoo ta'e dhugumatti isa komatteerta, wanti ati jettu isa keessa hin jiru yoo ta'e immoo isa irratti kijibdeerta".
Explanation
Haalli sun isa keessa kan hin jirre yoo ta'e immoo kun komii (hama) irra jabaadha, inni isa irratti kijibuudha, (Buhtaanni) nama irratti waan isa keessa hin kijibuudha.
Benefits
Yeroo Rabbiif Ergamaa Isaatu beeka jedhanutti naamuusa bareedaa sahaaboonni Nabiyyii waliin qabaniidha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu.
Namni waan hin beekne irraa gaafatame: Rabbiitu beeka jechuudha.
Haqaa fi obbolummaa isaan gidduutti tiksuun eegumsa shari'aan hawaasaa goote agarsiisa.
Komiin (hamti) yeroo garii keessatti bu'aa wahiitif yoo ta'e malee haraama ta'uudha; sana irraa: miidhaa deebisuuf, namni miidhame nama haqa isaa fuudhuufii danda'u biratti nama isa miidhe dubbachuudha, Ebelu na miidhe, yookaan akkas natti hojjate jedhee akka dubbachuuti, ammas isii irraa: dhimma gaa'ilaa irratti waliin mari'achuufaa, yookaan waliin gurmaa'uu faa, yookaan olloomuufaa fi kan sana fakkkaatan keessatti.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

