Hundi ummata kootii jannata ni seenu nama dide malee
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Hundi ummata kootii jannata ni seenu nama dide malee", yaa Ergamaa Rabbii enyuma kan didu? jedhan (sahaaboonni), Ergamaanis ni jedhan: "Namni naaf ajajame jannata seene, namni na faallesse immoo dhugumatti jannata didee jira".
Explanation
Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhan: Eenyu inni didu yaa Ergamaa Rabbii?!
Namni ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala butamee, isaan hordofee fi isaaniif ajajamee jannata seena, namni isa faallesse kan shari'aan hin bulle immoo hojii isaa badduudhaan dhugaan jannata seenuu didee jira jedhanii deebii isaaniif kennan.
Benefits
Nabiyyiif ajajamuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jannata dirqama gooti, isaan faallessuun immoo ibidda dirqama gooti.
Ummata tana irraa worra Rabbiif ajajamaniif gammachuutu jira, hundi isaaniituu jannata seenu, nama Rabbii fi eErgamaa Isaa faallesse malee.
Ummata isaaniitiif laphee baachuu isaaniitii fi qajeeluma isaanii irratti bololuu isaaniitu hadiisicha keessa jira -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

