HadeethEnc · 1.25.0
Of miidhuus ta'ee nama biraa miidhuunis hin ta'u, nama nama miidhe Rabbiin isa miidha, nama jabeesse Rabbiin isatti jabeessa
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Sa'iid Al-kudriyyii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Of miidhuus ta'ee nama biraa miidhuunis hin ta'u, nama nama miidhe Rabbiin isa miidha, nama jabeesse Rabbiin isatti jabeessa".
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- miidhaa gosa isaa kamiinuu fi bifa isaa kamiinuu lubbuu ofii fi worra biroo irraa deebisuun dirqama ta'uu ifa galchan, kanaafuu nama tokkoof haala wal qixa ta'een lubbuu ofii rakkisuun yookaan nama biraa rakkisuun hin eeyyamamuuf.
Miidhaa miidhaan deebisuun isaaf hin eeyyamamu; miidhaan miidhaadhaan waan hin deebifamneef jecha, yoo karaa gumaatiin ta'e qofa innis daangaa darbuun maletti.
Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sodaachisa nama nama miidhu miidhaan akka isa qaqqabu, akkasuma nama namatti jabeessu akka itti jabaatu ifa galchan.

03
Benefits
Hanga miidhaman caalaatti kaffalachuu irraa dhoorguudha.
Rabbiin gabroota isaa waan isaan miidhutti hin ajajne.
Jechaan yookaan hojiidhaan yookaan dhiisuudhan beekaa miidhuus ta'ee wollaalaan miidhuun haraama ta'uudha.
Mindaan fakkaataa hojiiti, naama miidhe Rabbiin isa miidha, nama jabeesse Rabbiin isatti jabeessa.
Bu'uuraalee shari'aa keessaa: "miidhaan ni deemsifama", sharii'aan miidhaa hin raggaasiftu, miidhuus ni mormiti.

Attribution
[daaraquxniin odeesse]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares