HadeethEnc · 1.25.0
Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo isa argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Ibnu Umar irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- akkana kan jedhu dhaga'e: «Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo isa argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa».
02
Explanation
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- mallattoo jalqabbii fi xumura baatii Ramadaanaa ibsanii,akkas jedhan: Ji’a Ramadaanaa yoo argitan soomaa, Yoo duumessaaf isa arguu dhabdan, ji'a Sha'abaanaa guyyaa soddoma lakkaa'aa soomaa, ji'a Shawwaal yoo argitan immoo sooma keessan hiikaa, yoo duumessaaf isa arguu baattan ji'a Ramadaanaatiif guyyaa soddoma lakkaa'aa.
03
Benefits
Jalqaba baatii mirkaneessuuf shallaggii osoo hin taane mul’ata baatii irratti hirkatanii hojjechuu akka ta'eedha.
Ibnu al-Munzir soomni yoo ji’a Ramadaanaa osoo baatii hin argin shallaggii qofaan yoo ta'e soomuun dirqama akka hin taane walii galtee hayyoota Islaamaa dabarseera.
Duumessi ykn kan kana fakkaatan baatii ji’a Ramadaanaa akka hin argine yoo dhoorge Sha'abaana guyyaa soddoma guutuun dirqama tahuudha.
Baatiin tokko yoo ji'aan lakkaa'an guyyaa digdamii sagal, ykn guyyaa soddoma qofa ta'a.
Duumessi ykn kan kana fakkaatan ji’a Shawwaal arguu irraa yoo dhoorge Ramadaana guyyaa soddoma xumuruun dirqama taha.
Namni eddoo jireenyaa namni sooma muslimootaa too'atu hin jirre jiraatu, ykn sanaaf dhimma hin qabne yoo ta’e, tilmaama keessa galchee nama itti amanu gaafatee mirkaneefachuun, haala kanaan sooma jalqabuun ykn hiikuun isarra jiraata.

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares