HadeethEnc · 1.25.0
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti ramadaana irraa kurneessituu dhumaa keessa i'itikaafa seenaa tureani, eegasii immoo haadholiin manaa isaanii booda isaaniitii i'itikaafa seenaa turani
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Aa'ishaa haadha Mu'umintootaa haadha manaa Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan taate irraa akka odeeffametti -Rabbi ishee irraa haa jaallatu-: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti ramadaana irraa kurneessituu dhumaa keessa i'itikaafa seenaa tureani, eegasii immoo haadholiin manaa isaanii booda isaaniitii i'itikaafa seenaa turani.
02
Explanation
Haati Mu'umintootaa Aa'ishaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ramadaana irraa kurneessituu boodaa keessa halkan qadrii(halkan sadarkaa qabdu) barbaachuuf jecha haala dhaabbataa ta'een i'itikaafa seenaa akka turan himte, hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti haala kana irratti itti fufani, haadholiin manaa isaaniis -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- boooda isaaniitii haala dhaabbataa ta'een i'itikaafa seenaa turani.
03
Benefits
Masjiidota keessatti i'itikaafa seenuun karaa godhamuu isaa, dubartootaafillee akkasuma ulaagaa shari'aa haala eeggatee fi ulaagaa fitnaan aragamuu dhabuun amanameen.
Ramadaana irraa kurneessituu boodaa keessa i'itikaafa seenuun akkaan kan jabeeffamu ta'uudha, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhaabbataan waan irra turaniif.
I'itikaafni sunnaa itti fufaa kan hin haqamneedha, booda isaaniitii haadholiin manaa isaanii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- i'itikaafa seenaa waan turaniif jecha.

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares