HadeethEnc · 1.25.0
Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Aliyyi ibnu Abii Xaalib irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bitaa isaaniitiin hariira qabatanii, mirga isaanitiin immoo worqii qabatanii, eegasii hariiraa fi worqiin harka isaanii lameen ol qabuun, akkas jedhani: «Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala».
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uffata hariiraa yookaan citaa hariira irraa ta'e harka isaanii bitaatiin qabatanii, worqii faayaa yookaan kan sana fakkaatu irraa ta'e immoo harka isaanii mirgaatiin qabatanii eegasii akkas jedhani: hariirra fi worqii uffachuun dhiira irratti haraama, dubartootaaf immoo halaala.
03
Benefits
Aalimni Islaamaa Assindiin akkas jedhe: (haraama): kan itti fedhame uffannaan itti fayyadamuudha; jijjiirraaf, kennaaf, bittaaf immoo hundaafuu halaala, worqii meeshaa isa irraa taasifatanii itti fayyadamuun immoo hundaafuu haraama.
faayatti haajamuu fi waan birootiif jecha shari'aan islaamaa dubartiitti bal'isuu isaa.
faayatti haajamuu fi waan birootiif jecha shari'aan islaamaa dubartiitti bal'isuu isaa.
Attribution
[رواه أبو داود والنسائي وابن ماجه]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

