Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Muusaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti», Jecha Muslim tokko keessatti: «Fakkeenyi mana Rabbiin keessatti zakkaramuu fi hin zakkaramnee akka nama warra jiranii fi warra du’aniiti».
Explanation
Akkasuma manni tokko jiraattonni isaa Rabbiin yoo yaadatan jiraa jedhamee ibsama, akkasta’uu baannaan inni mana du'aadha, jiraattonni isaa waan Rabbi zakkaruu irraa dagataniif jecha, Mana ibsuu keessatti kan jiruu fi kan du’e jechuutti kan fedhame jiraataa manaati.
Benefits
Akkuma lubbuun jireenya qaamaa ta'etti Zikriin jireenya lubbuuti,
Karaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- keessaa inni tokko hiikaawwan namaaf dhiheessuuf jecha fakkeenya fayyadamuudha.
Nawawiin akka jedhe: Mana keessatti Rabbiin zakkaruutti waamu fi manichi zikrii irraa akka qullaa hin taane hubachiisuutu keessa jira.
Nawawiin akkana jedhe: Namni du’e gara kheyritti osoo kan ce'e ta'ellee, Rabbif ajajamuu keessatti umriin dheerachuun sadarkaa akka qabu agarsiisa; Sababni isaas namni lubbuun jiru waan itti dhaqqabee kheyrii irraa waan hojjatu irratti dabaluuf jecha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

