HadeethEnc · 1.25.0
Firooma fufaan waan isaaf godhan irratti galata kan deebisu osoo hin taane, garuu firooma fufaan isa yeroo firummaan isaa muramte isii fufuudha
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abdullaah ilma Amrii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Firooma fufaan waan isaaf godhan irratti galata kan deebisu osoo hin taane, garuu firooma fufaan isa yeroo firummaan isaa muramte isii fufuudha".
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni himan Dhugumatti firooma fufuu fi firatti tola ooluu keessatti namni guutuun nama toltuu toltuun deebisuu miti, Dhugumatti firooma fufaan kan firooma fuufuu keessatti guutuu ta'e isa yeroo firoomni isaa muramte isii fufuudha, yoo isatti balleessanillee; inni immoo isaanitti tola ooluun isaaniif deebisa.
03
Benefits
Firooma fufuun shari'aa keessatti fudhatama qabu kan si mure fufuudha, nama si miidheef irra darbuu fi nama si dhoorgateef kennuudha malee fufuu galata deebisuutii fi kafallaatii miti.
Firooma fufuun toltuu irraa qabeenya, du'aa'ii, toltuutti ajajuu, hamtuu irraa dhoorguu fi kan kana fakkaatan qaqqabsiisuun ta'a, akkasumas waan danda'ameen hamtuu isaan irraa deebisuun ta'a.
Firooma fufuun toltuu irraa qabeenya, du'aa'ii, toltuutti ajajuu, hamtuu irraa dhoorguu fi kan kana fakkaatan qaqqabsiisuun ta'a, akkasumas waan danda'ameen hamtuu isaan irraa deebisuun ta'a.
Attribution
[Bukhaariitu gabaase]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

