HadeethEnc · 1.25.0
Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Qataadaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu».
02
Explanation
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- abjuun gaariin nama gammachiisu Rabbiin irraa akka ta'ee fi abjuun badaan nama naasisu sheyxaana irraa akka ta'e himan.
Namni waan isa jibbisiisu arge gara bitaa isaatti haa tufee, hamtuu isaa irraa Rabbitti haa maganfatu; akkas godhe taanan inni isa hin miidhu, Rabbiin wanta armaan olitti ibsame kana miidhaa abjuu sanaan dhufu irraa nagaa bahuuf sababaa waan taasiseef jecha.

03
Benefits
Ru'uyaa fi Hulumni wantoota irraa waan namni rafu hirriba isaa keessatti arguudha. Garuu Ru'uyaan baay'innaan waan gaarii namichi argu irratti dubbatama, Hulumni immoo waan badaa nama naasisu irratti dubbatama yoo ta'u, isaan lachuutuu bakka walitti itti fayyadamuun ni argama.
Qooddaalee abjuu: 1- Abjuu gaariidha, inni abjuu dhugaa fi gammachuu Rabbiin irraa ta'e kan namichi ofii isaatif isa argu ykn namni biroo isaaf arguudha. 2- Haasaa lubbuuti, inni waan namichi yeroo dammaqiinsa keessa jiru lubbuu ofiitin haasa'u. 3- Gadda, sodaachisaa fi cinqii sheyxaanaa kan ilma Aadaam gaddisiisuuf taasisuudha.
Walumaa galatti waa'ee abjuu gaarii ilaalchisee wanni dubbatame waa sadii: Rabbiin galateeffachuu, ittiin gammachuu mul'ifchuu fi nama jibbu osoo hin taane nama jaallatutti isa odeessuudha.
Walumaa galatti waa'ee abjuu jibbamaa ilaalchisee wanni dubbatame wantoota shani: Sharrii isaati fi sharrii sheyxaanaa irraa Rabbitti maganfachuu, yeroo hirriba isaa irraa ka’u si’a sadii gara bitaatti tufuu, gonkuma nama kamittuu waa'ee isaa dubbachuu dhabuu fi yoo hirriiba isaatti deebi'uu barbaade cinaacha irra ture irraa garagalee kan biraa irratti rafuudha, akkas godhe taanan inni isa miidhuu hin danda'u.

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares