Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni».
Explanation
Yaa Rabbi nama karaa Rabbii keessatti, maatii ofii irratti keessummoota irrattii fi karaa tola ooltummaa keessatti nama waa kennatuuf bakka bu’aa kenni, waan baaseef waan gaariin beenyaa isaaf kenni, barakaas isaaf godhi.
Inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi nama karaa Rabbii keessatti hin kennineef badii kenni, qabeenya isaa kan namoota haqa isa godhatan irraa isa dhoorges jalaa balleessi.
Benefits
Malaa'ikoonni mu'umintoota gaggaarii kennataniif kheyrii fi barakaan akka isaanif kadhataniidha, kadhannaan isaanii qeebalamaadha.
Wantoota dirqamaa fi tola ooltummaa keessatti kennachuu irratti kakaasuudha; kan akka maatiidhaaf baasii baasuu, rahima fufuu fi karaalee kheyrii hunda keessatti kennachuu.
Sadarkaa nama karaa kheyrii keessatti baasii baasuu ibsuudha, akkasumas Rabbiin akka isaaf bakka buusu ibsuudha, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Kheyrii irraa wanta isin baastan hundumaa inni bakka isa buusa, Inni irra caalaa warra warra soorata kennaniiti﴿ [Saba'a: 39].
Kadhannaan kun nama baasii malu kaffaluu irraa of qusate irratti godhama, baasiin sunnaa immoo kana keessa hin galu; Sababni isaas abbaa isaatif abaarsi kun waan hin malleef jecha.
Gadadoo fi don'ummaan haraama ta'uu.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

