Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”.
Explanation
Benefits
Guutummina iimaanaa irraa Muslimni tokko waan ofii isaatiif jaallatu obboleessa isaatif jaallachuudha.
Gidduu muslimootatti salaamtaa babal’isuun jaallatamaa ta'uudha; sababni isaas waan isa keessa gidduu namootatti jaalalaa fi nageenya babal'isuun jiruuf jecha.
Salaamtaan muslima malee nama birootin hin jedhamu; sababbni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: "Gidduu keessanitti".
Salaamtaa waliin jechuu keessa wal muruu, waliin ooduu fi wal jibbuu balleessuutu jira.
Gidduu muslimootatti wal jaallachuun barbaachisaa ta'uu fi innis guutummina iimaanaa irraa ta'uudha.
Hadiisa biraa keessatti jechi salaamtaa guutuu ta'ee akkana jechuutu jira: "As-salaamu Aleykum warahmatullahi wabarakaatuh", akkana jechuunis: "As-salaamu Aleykum" ni gaya.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

