''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''.
Explanation
Benefits
Qabrii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ziyaaruuf imaluu irraa dhoorguudha; waan isaan salawaata isaan irratti buusuu ajajanii, sun akka isaan qaqqabus himaniif jecha, galaan kan hidhatamuuf masjiida ziyaaruu fi isa keessatti salaatuu qofaafi.
Ziyaaraa qabrii Nabiyyichaa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irrattu haa buusu- iida taasifachuun haraama ta'uudha, Haala addaa ta'eefi yeroo addatti qabame keessatti ziyaaraa isaa irra deddeebi'uun, akkasuma ziyaaraa qabrii hundaayyuu.
Yeroo hundaa fi iddoo hundatti rahmataa fi nageenya isaan irratti buusuu karaa gochuun, Karaamaa Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irrattu haa buusu- Rabbii isaanii birratti qaban agarsiisa.
Qabrii biratti salaatuu irraa dhoorguun sahaabota biratti waan beeekamaa ta'eef; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- manneen akka qabrii keessatti hin salaatamnee taasifamuu irraa dhoorgan.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

