Dhugumatti, duniyaan tun mi’ooftuu magariisa, Rabbiin isii keessatti warra isin duratti dabran irraa bakka isin buuse, akkamitti akka hojjattan ilaala, Kanaafuu duniyaa eeggadhaa dubartootas eegadhaa
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: Dhugumatti, duniyaan tun mi’ooftuu magariisa, Rabbiin isii keessatti warra isin duratti dabran irraa bakka isin buuse, akkamitti akka hojjattan ilaala, Kanaafuu duniyaa eeggadhaa dubartootas eegadhaa, jalqabni qorumsa ilmaan israa'eel dubartoota keessatti argame".
Explanation
Benefits
Ijaan dubartoota ajnabii ta'an ilaaluun yookaan isaan dhiirota ajnabii ta'anitti makamuu keessatti dandataa dhabuun, yookaan waan sana fakkatuun dubartootaan qoramuu irraa of eeggachuudha.
Addunyaa keessatti fitnaan dubartootaa irra guddaa fitnoowwanii keessaa isa tokkoodha.
ummatoota darban irraa barachuu fi gorsa fudhachuudha, wanni ilmaan israa'eel keessatti argame namoota biroo keessattis argamu danda'a
Fitnaan dubartii, yoo haadha manaa taate namichi baasii danda’u caalaa baasutti isa dirqisiifti, sababaa saniitin dhimmoota amantii dhiisee guutumaa guututti duniyaa barbaadutti akka garagalu isa taasifti, dubartiin yoo ajnabii taate immoo gochuu, dhimma amantii irraa yaada akka garagalchu taasifti, yeroo guutuu isaa barbaacha dunyaa irratti akka dabarsu taasifti. Yoo orma taate immoo fitnaan isii yeroo manaa baatee isaanitti dhiirotatti makamte isaan gowwoomsuu fi haqa irraa isaan jallisuudh, keessattuu yeroo babareeffatanii haguuggii malee baate, inni kun sadarkaa isaatiin sagaggaalummatti kufutti nama geessuu isaatu mala, kanaafuu nama Rabbitti amaneef Rabbiin qabatee fitnaa dubartootaa irraa nagaa ta'uuf Isa kajeeluutu barbaachisa.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

