HadeethEnc · 1.25.0
Irra guddaan jihaadaa jecha haqaa mootii jallaa biratti dubbachuudha
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: «Irra guddaan jihaadaa jecha haqaa mootii jallaa biratti dubbachuudha».
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti goosoota jihaada karaa Rabbii keessatti godhaman keessaa irra guddaa fi bu'a qabeessi jecha haqaa fi haqa qabeessa ta'e mootii yookaan amiira jallataa ta'e biratti dubbachuu akka ta'e ibsan; sababni isaas inni mallattoo toltuutti ajajuu fi badii irraa dhoorgutti hojjachuu waan ta'eef jecha, jechaanis haa ta'u yookaan barreeffamaanis haa ta'u yookaan hojiinis haa ta'u yookaan waan biraa kan bu'aan ittiin argamee badiin ittiin deebifamuunis yoo ta'es.
03
Benefits
Toltuutti ajajuu fi badii irraa dhoorguun jihaada irraa lakkaa'amaadha.
Bulchaa gorsuun irra guddaa jihaadati, garuu immoo beekumsa, ogummaa fi adda baafachuun ta'uun dirqama.
Khaxxaabiin akkas jedhe: wonti sun irra caalaa jihaadaa ta'eef; namni diinaan jihaada wolitti ba'e nan injifadha moo hin injifadhu jedhee kajeellaa fi sodaa gidduu ta'a, worri aangoo harka isaaniitti injifatamta, namtichii isa fuulduratti haqa dubbatee toltuuttii isa yoo ajaje dhugaan badiif of saaxileera, lubbuu isaa badiif kenneera, kanaaf sun irra caalaa gosoota jihaada ta'e waan sodaan injifatuuf jecha, akkasumas wonti inni irra caalaa jihaadaa ta'eef; mootichi jecha isaa kan fudhatu yoo ta'e faaydaan isaa nama hedduu wol ga'ee sanaan bu'aan argamuu waan maluufi jedhameera.

Attribution
[abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares