HadeethEnc · 1.25.0
Garii duulota nabiyyii keessatti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartiin wohii ajjeefamtee argamtee jennaan, ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartii fi daa'imman ajjeesuu mormani
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abdullaah bin umar irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu: Garii duulota nabiyyii keessatti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartiin wohii ajjeefamtee argamtee jennaan, ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartii fi daa'imman ajjeesuu mormani.
02
Explanation
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii duulota isaanii keessatti dubartii ajjeefamte arganii, dubartii fi daa'imman xixiqqoo kanneen hin baallagne ajjeesuu mormani.
03
Benefits
dubartii fi daa'imman irraa kan lola hin lolle, akkasumas worra isaan fakkaatu maanguddootii dadhaboo dulloomanii fi monokseenis hin ajjeefamanu, hanga worri kun worroota yaadaa fi muslimoota ajjeesuu irratti gargarsa kennu hin taanetti, garuu yoo akkas kan ta'anu ta'e ni ajjeefamu.
dubartootaa fi daa'imman ajjeesuun dhoorgaa ta'uu isaa, isaan kun muslimoota hin ajjeesanu waan ta'eef, galmi guddaan karaa Rabbii keessatti loluu humna worra muslimootaan lolani cabsuudha; akka waamichi haqaa hunda ilmaan namaa qaqqabutti.
lolaa fi waraana keessattillee rahmata nabiyyiin qabanu -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares