Nabiyyiin waliin salaate, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, gama mirga isaanitti akkana jechuun salaamtaa jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh» hiikni isaas: nagaan, rahmannii fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha, gama bitaa isaanitti immoo akkana jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaah» hiikni isaas: nagaa fi rahmanni Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Waa'il bin Hujr irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin waliin salaate, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, gama mirga isaanitti akkana jechuun salaamtaa jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh» hiikni isaas: nagaan, rahmannii fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha, gama bitaa isaanitti immoo akkana jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaah» hiikni isaas: nagaa fi rahmanni Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha.
Explanation
Benefits
Yeroo tokko tokko (warakaatuh) jechuun jaallatamaa ta'uudha; Sababni isaas Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- itti fufiinsaan waan jechaa hin turiniif jecha.
Salaata keessatti salaamataa lamaan arrabaan dubbachuun dirqama ta'uudha, Garuu yeroo dubbatan sanatti mil'achuun jaallatamaadha.
(Assalaamu Aleykum Warahmatullaah) kan jedhu, yeroo naanna'aa jiru malee duraa fi boodattii miti.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

