HadeethEnc · 1.25.0
Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama baallaghe hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuunis
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Amri bin Suleem Al-ansarii irraa odeeffame, akkana jedhe: Ani Abuu Sa’iid akkana jechuu irratti ragaa nan ba’a: Ergamaa Rabbii nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jechuu irratti ragaa nan ba’a: "Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama baallaghe hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuunis".
02
Explanation
Nabiyyii nagaa fi rahamanni irra haa jiraatuu, muslimtoota irraa namoota salaanni Jum'aa irratti dirqama taatu irraa muslima dhiiraa kan baallaghaa ta'e hunda irratti dhiqannaan guyyaa Jum’aa akka dirqamatti kan jabeeffamu ta'uu ifa godhaniiru, Akkasumas siwaaka fi kan kana fakkaataniin ilkaan isaa qulqulleeffachuun, Akkasumas urgooftuu/shittoo gaarii kamiyyuu dibachuun.
03
Benefits
Dhiira Musliima ta'e hundaaf guyyaa Jum’aa dhiqachuun jaalatamaa ta’uun isaa mirkanaa’eera.
Qulqullinaa fi hafuura namatti hin tolle balleessuun shari'aa keessatti nama Muslimaa tokkoof barbaachisaa ta'uudha.
Guyyaa jum'aaf ulfina kennuu fi ittis qophaa'uun barbaachisaa ta'uudha.
Jum'aaf barbaachisummaa ilkaan rigachuu jabeessuudhaba.
Salaata Jum’aatif osoo hin deemin dura urgooftuu/shittoo namatti tolu kamiyyuu dibachuun jaalatamaa ta'uudha.
Dubartiin salaataf ykn waan biraatif mana ishee keessaa yeroo bahuuf jette urgooftuu/shittoo dibachuun isheef hin hayyamamu; Sababni isaas hadiisa keessatti sun dhoorgamaa waan ta'eef jecha.
Muhtalima jechuun nama baallaghe yoo ta’u, baallaghuun ammoo mallattoolee sadii tan dhiiraa fi dubartiin waliin qooddataniin argama, isaanis: inni tokkoffaa: waggaa kudha shan guutuudha, inni lammaffaa: rifeensi naannoo qaama saalaatti biqiluudha, sadaffaan: sanyiin hormaataa abjuun dhangala'uudha, ykn abjuun osoo ta'ullee baatee fedhiin dhangala'uudha. Mallattoon afraffaa ammoo dubartii qofa ilaallata, innis: Laguudha, dubartiin laguu yeroo argite geesse jechuu dha.

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares